Esther 4:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mordekaiini waan tolchani kaani ch'ufa hubate jennaani laalefate, woya ufi tarsaase ch'arqi naqate, daara mata dibate, dira keesa deeme iyye bohe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mardokiyoos waan godhame maraa haga beeke uffata ufii biinxee, uffata gaddaa uffatee, daaraa uf irratti firfirsee qachaa wodhakka'atti bayee guddisee mararamee booye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mordekaayi waan te'e san mara yennaa beeke, gaddee woyaa ifii tarsaase. Achiin duuba woyaa gaddaa uffatee, daadhaa mataa ifii irratti firfirsee, qoonqoo ol qabatee mararfatee bowaa gara qacha'aa seene.