Esther 4:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qonqooni suni tana: Yo nami tokoleeni, d'iirafi uwa taanaani, yaamicha male d'ufe, balbala hayyuu dura eje iti olseene, nama suni ijeesu malani. Seera suni nami imbeenne injiru; worra gugurda isa jala hojatufi ka iraa hafeleeni ch'ufti imbeekha. Karaani nami seera kana jalaa bahuuni toko ch'alla: yo hayyuuni ule isaa ta worqi olqabe, akasiini nama lubbu baasa. Ammo haga bulti sodoma inni taka na iyyaamne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Worri baallii qaban ka mootichaatii fi baniin biyya keessa jiraatan maruu dhiirti yookaan intalti namni uduu hin waamamne gola mana mootichaa keessa ol seenu maruu yoo mootichi ulee worqi'ii itti hiixate malee akka ajjeefaman hin beekan. Ani garuu uduu hin waamamne kunoo guyyaan soddomaa lufeera.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Tajaajiltooti mootichaatii fi kolbaan kutaa biyya mootichaa keessatti dhaggamanu marti, dhiirti yookiin dubartiin adoo hin waamamin, badhinna mana mootumma'aa ka gara keessaa seenee mootichatti ka dhikaateef, mootichi seera tokko qofa akka qabu eennulle hin beeka; kunille nami sun hin ijjeefama; te'uu malee nami mootichi ulee ifii ta worqii irraa hujante itti qabe hin ijjeefamu; ani ammoo gara mootichaa akka seenuuf haga waamameen guyyaan soddom dabareera› jedhiin» jetteen.