Esther 4:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo atini hojja akana tana ch'alifte afaani qabatte, Yahudiini qarqaarsafi baafamale gara d'ibi argatti; ammo siifi worri keesanileeni imbada. Aka guyya akana kana jed'ani hayyiti si tolchani ennuti beekha?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa kanatti ati yoo mooji jette Ayihuudotaaf gargaarsinii fi fayyinni hulee biraatii hin dhufaaf. Atii fi manni abbaa keetii garuu hin baddan. Ati garuu wonti gara mootummaa kanaa dhufteef guyyaa akkanaa kanaaf yoo ta'e maaltu beeka?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa akkanaa tana ati cadhittee yoo ilaalte, Yihudoota ka qarqaaruu fi ka baasu addee dhibi'ii hin dhufa; atii fi maatiin abbaa keetii ammoo hin dhumattan. Giittii te'iis keeti yennaa akkanaa tanaaf te'uu maanti beeka?» jedhee Asteeritti erge.