Esther 4:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Beeni, Yahudi dira Shushani keesa jirtu ch'ufa wolti yaami, maro tiyya jed'a, guyya sadi, halkani guyyale, nyaata d'ugaati lakisa ufi agabsa, Waaqa naa kad'ad'a. Anaafi hojattuuni tiyyaleeni akasuma taana. Eegi suni, ato seeri na d'owele, gara hayyu d'aqa, yo tana jed'e due ha taatuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Deemii Ayihuudota Suusaa keessa jiran maraa wolitti qabi, naaf soomaa'a, kadhadhaa'a, guyyaa sadihiif halkanii fi guyyaa hin nyaatinaa'a, hin dhuginaa'a, anii fi hojjattoonni tiyyallee akkasuma hin soomna. Yoma seeraan alallee ta'e mooticha bira hin seena; yoo badellee hin bada.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Dhaqiitii, Yihudoota Susaan keessa jiranu wolitti qabiitii, naaf laama'a; haga guyyaa sadiitii fi halkan sadii womaa hin nyaatina'a; hin uninaalle'e. Anii fi durri tajaajiltooti tiyya akkasuma hin goona. Saniin duuba seerri dhooggulle, gara mootichaa hin dhaqa; yoo du'elle du'uu ti» jette.