Esther 4:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Arda ch'ufa fulla dubbini hayyuu suni geete, Yahudiini ch'ufti wolti baate, guddo laalefatte agabuuni oolte iyyite boote, nami hedduuni ch'arqi naqate daara keesa ch'iifte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Biyya ajanyinii fi labsiin mootichaa gaye maratti worra Ayihuudi'ii irratti gadda guddaa, booyichaa fi iyyatu ta'e. Namoonni hedduu soomanii, uffata gaddaa uffatanii daaraa ufitti firfirsanii taa'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kutaa biyyaa ta ajajaa fi lassiin mootichaa geette maratti, Yihudoota oddu'utti gaddi guddaan te'ee, laamanee, wiiccifatanee bowane; worri hedduulle woyaa gaddaa uffatee, daadhaa ifi irratti firfirsee tee'e.