Esther 4:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ammalle tatabe jecha hayyu irati t'aafani dira Shushani keesati odeesani taani, ta Yahudi ch'ufa fit'a jettu, Hathaki kenne. Ammalle waan jed'eeni, Tataabe tana hayyiti Estati geesi, fulla dubbini suni ejitu iti himi, Gara hayyu d'aqi, naasu gosa teeti kad'ad'i siini jed'ani jed'i iti himi jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garagalcha labsii barreeffamaa ka gimbii Suusa'aa keessattii himame, ka akka isaan dhuman ibsu akka Asteeritti mudhisu isatti kenne; Asteer waan banii ufiitiif gara mootichaa seentee akka kadhattuu fi worwaattu akka isi'itti himuu fi ajaju itti hime.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaa Yihudootaa balleessiisaaf qachaa Suusaa keessatti, barreeffama lassii baate irraa garagalfame, akka Asteeritti mudhisee diidessuu fi akka isiin gara mootichaa dhaxxee kolbaa ifiitiif marartii akka isa kadhattu, akka isii ajaju Mordekaayi Hataakitti hime.