Esther 5:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani niiti isaa Zereshifi jaallowaani isaa waan jetteeni, Mukha d'ed'eera lama, ka d'eerinni d'und'uma shantama, old'aabi, mukha d'ibi ira dagalchi, bori diirama hayyuuni, Mordekai t'urura kayi, irati fannisi jed'iini; duuba hayyu woliini sagale suni gammadaani nyaachu d'aqi. Dubbini tunini Hamani quufsite, akuma jari suni jed'eeni tolche mukha suni old'aabani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Haati manaa isaa Zereshii fi jaalalloonni isaa maruu «Jirma dheerinni isaa ciqilee shantamaa ta'u qopheessii boru akka Mardokiyoos itti fannifamu mootichatti himi; gammada'aa mooticha woliin gara affeerra'aa seeni» jedhaniin. Wonti isaan jedhan Haamaa gammachiise, jirmallee hin qopheesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba haati manaa isaa Zereshii fi jaaloti isaa marti, «Muka nama itti fannisanu ka dheerinni isaa ciqilee shantamaa qopheessiitii, Mordekaayi itti fannisiisaaf boru barii mooticha gaafadhu; achiin duuba gammadaa mooticha woliin gara areerti'ii deenta» jedhaneen. Yaadi kun Haamaan waan gammachiiseef, muka itti fannisanu qopheesse.