Esther 6:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni niiti isaa Zereshifi jaallowaani isaa taani waan tahe ch'ufa iti hime. Jennaani niitifi jaallowaani isaa qaqarooni taani waan jetteeni, Mordekaiini ya guddinna sira argate; inni gosa Yahudi, dandeete isaani imorkitu, inni siuma dabsata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haamaan haadha manaa ufii Zereshii fi jaalalloota ufii maraa waan isa irra gaye maraa isaanitti hime. Worri ogeeyyiinii fi haati manaa isaa Zereshillee, «Ka afoo isaatitti kufuu jalqabde kun Mardokiyoosii gosa Ayihuudotaa yoo ta'e sirima afoo isaatitti hin mooyatamta malee hin mooyattuun» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni waan isa irratti te'e mara haadha manaa ifii Zereshii fi gorsitoota ifii san maratti hime. Achiin duuba haati manaa isaatii fi gorsitooti isaa sun, «Mordekaayiin ati amma isa duratti jilbiiffatiisa jalqadde kun, sanyii Yihudi'ii yoo te'e, isa injifatiisaaf hin dandeettu. Ati dhugumaan hin badda» jedhaneen.