Esther 7:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato daad'i d'uganu, hayyichi waan hayyitiini jed'e, Atini maani feeta? Maani sii tolcha? Ato lafa anini fidu gama toko feetele siuma keenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa lammeesso'ootitti mootichi uduu affeerraa daadhii woyini'ii irra jiru Asteeriin, «Mootittii Asteer! maal na kadhatta? sii kennamaa wonti feetu maali'i? wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e sii godhamaa» isi'iin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa lammeesso'oo daadhii woyni'ii uniisatti adoo jiranuu mootichi ammalle, «Giittittii Asteer, wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kennanti» jedhe.