Esther 7:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni sire Estani ira teetu irati jige, aka bahisa isii kad'atu; ammo hayyichi ato inni siruma ira ch'iisu, oobru keesaa gadeebie, arge iyye waan jed'e, Nami kunini, ato anini bira eju, mana kiyya keesati, niiti tiyya irreeni buufata? Ato hayyuuni dubbuma tana afaani qabu, worri sasangaani kaani d'ufe Hamani woya fuulati hagoge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi dawoo biqiltu'uu keessaa gara affeerraa daadhii woyini'ii hennaa deebi'u, Haamaan siree Asteer irra jirtu irratti kufee ture. Mootichi, «Namni kun mana mootumma'aa kiyya keessatti, uduu ijji tiyya argitu, mootittii ugguu barbaadaa?» jedhee itti iyye. Akkuma wonti kun afaan mootichaatii bayeen yoma san worri qaamni uumataniin hin hojjanneef fuula Haama'aa dhossan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi oorruu mana mootumma'aatii gara mana areerti'ii yennaa deebi'e, Haamaan taqee giittittiin Asteer irra irkattu irratti jigeeraayyu; mootichi, «Namichi kun mana keessatti, adduma ani jirutti giittittii Asteer woliin hunnaan rafiisa fedhaa?» jedhe. Akkuma mootichi tana dubbateen, tajaajiltooti fuula Haama'aa gollane