Esther 7:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra suni keesa, nami toko ka Harbona jed'ani, waan hayyuuni jed'e, Suni lakisi, beeta, Hamaniini yayu mukha d'und'uma shantama, ka Mordekai, ka lubbu te baase, irati fannisani mid'aase. Mukhi suni amma d'aatu mana isaa eja. Hayyichi waan jed'e, isuma mukha suni irati fannisa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan keessaa tokkochi hojjataan mootichaa ijoon ka Harboonaa jedhamu mootichaan, «Mootii'i! Haamaan bee Mardokiyoosii nama asiin dura du'a irraa si hambise fannisee du'aan adabu'uuf jirma dheerinni ciqilee shantamaa ta'u mana ufii keessatti qopheesseera.» jedhee dubbate. Mootichillee, «Haamaa fida'aa jirma san irratti fannisaa'a» jedhee ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba guneessota keessaa «Harbonaa» ka jedhamu, «Kunoo, muki nama itti fannisanu ka dheerinni isaa ciqilee shantamaa mana Haamaanii bira jira; Haamaan muka kana Mordekaayii si mooticha du'a irraa hamburiisaaf dubbate itti fannisiisaaf qopheesse» jedhe. Mootichille, «Haamaan muka san irratti fannisa'a» jedhee ajaje.