Esther 8:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Woni tatabeeni tunini jettu, Hayyuuni la ee jed'e, aka Yahudiini dira ch'ufa keesa jirtu, woli galte nyaapa ufira d'owartu. Yo gochiti lafa taatefu iti duulte, Yahudiini, yo dandeete, ha nyaapa suni haate nad'eenifi ijoolle isaani woliini, ammalle worra suni, haguma gahu, ha fitt'e hori isaani boojituti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Labsiin mootichaa Ayihuudonni qachattii keessa jiraatan maruu wol gayanii akka diina uf irraa ittisan, akkasuma worra isaan, haawwota manaa isaaniitii fi ijoollee isaanii maraa irra balaa buusan worra meeshaa woraanaa hidhate akka ajjeesan, akka balleessanii fi qabeenna isaanii maraa akka saaman isaanii eeyyame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti qachaa gara garaa keessa le'anu wolitti qabamanee, akka ifi irraa dhooggatanu, hunna gosa adda addaa ta kutaa biyyaa mara keessaa isaanii fi dubartoota isaanii, ijoollee isaaniille loliisaaf gara isaanii dhufanu, akka balleessanu, akka ijjeesanu, akka fixanuu fi karra isaaniille akka saamanuuf, barreeffama kana keessatti mootichi eeyyameef.