Esther 8:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Mordekaiini, ka woya adiifi bule ta hayyuma ufira qabu, ammalle kooti boofta bule diima keeyate ruufa aka worqi jirtu maratu, hayyu biraa kae iti d'aabate. Worri dira Shushanileeni ch'ufti gammadde iyye lalabe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mardokiyoos uffata ulfinnaa ka bifa bule'ee fi haarrii adi'iin hojjatame uffatee, kennaa worqi'ii guddaa godhatee, uffata laafaa, uffata diimaa dhiilgee irraa hojjatame uffatee mooticha biraa baye; qachaan Suusa'aallee gammaddee ililfatte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mordekaayi woyaa mootumma'aa bifa cuquliisaa fakkaattuu fi adii uffatee, kallacha worqi'ii guddaa keyatee, woyaa dhiillee quncee talba'aa dansaa irraa hujante uffatee mooticha biraa gad baye; yennaa san worri qachaa Suusaa gammadanee ilillisane.