Esther 8:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti kunini guyya diddami sadeeso, ka jia sadeeso, ka Siwani jed'ani, taate. Guyya suni Mordekaiini worra tatabe hayyu t'aafu wolti yaame, tatabe t'aafsise gara Yahuditiifi hojattu ch'ufa, ta hayyu jala hojattu, ta lafa hayyuuni fidu d'ibbafi diddami torba, ta haga lafa Hinditi ejite lafa Kushiti geetuti erge. Tatabe suni t'aafi aka akatiifi afaani gosa gosatiini t'aafani, arda ch'ufati ergani, ammalle afaanifi t'aafi Yahuditileeni t'aafani ergani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti kun ka ta'e jiini sadeesso'oo ka Niisaan jedhamee waamamu seenee guyyaa diddamii sadeesso'ootitti. Mardokiyoos barreessitoota mootichaa maraa waamee xalayaa Ayihuudotaafillee akka afaan isaaniitiin, bulchoota biyyoota Hindii haga Itoophiya'aa jiran biyyoota dhibba tokkoo fi diddamii torbaa bulchan, bulchoota biyyaatii fi worroota baallii qabaniif ergamu barreessisiise. Xalayoota afaan biyya maraatiif akka seera barreeffama Ayihuudotaatiif afaan isaaniitiin tooyatanii akka barreeffamu godhame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ji'a sadeesso'oo ka «Siiwaa» jedhamu, guyyaa diddamii sadeesso'ootitti barreessitooti mootumma'aa waamamane; isaan ajaja Mordekaayii mara akka isaan itti barreeffatanutti, afaan isaaniitiin bulchitoota biyyoota mooticha jala jirtuutiif, bulchitoota kutaa biyyaa ta adda addaatii fi qondaaltota biyyaatiif, Yihudootaaf, qondaaltota worra biyya Hindiitii haga biyya Itoophiya'aa, kutaa biyyaa dhibbaa fi diddamii torba keessatti dhaggamanuuf, maqaa mooticha Ahashwerosiitiin barreessanee, qubee mootichaa ta chaappaa qadduun dhowane.