Esther 9:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni Waan hayyiti Estani jed'e Yahudiini dira Susa ch'alla kesaati nami d'ibba shani fitt'e ilmaani d'iira kud'annani Hamanitini wolti. Yo atini seetu wori arda kaani d'ibi keesati waan tolche! Amma maan feeta? Waan feetu inargata. Waan d'ibi feetu nati himi, inargata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi mootittii Asteeriin, « Ayihuudonni gimbii Suusa'aatitti namoota dhibba shanii fi ijoollee Haama'aa kudhan ajjeesanii balleessan; biyyoota mootichaa ka hafan irratti akkam godhinnu laata. Amma hoo kadhaan kee maali'i? sii kennamaa, wonti biraa ka barbaaddu maali'i? sii raawwatamaa» isi'iin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi giittittii Asteeriin, «Yihudooti qachaa Suusaa keessatti, namoota dhibba shanii fi ilmaan Haamaanii kudhan ijjeesane; kutaa biyya tiyyaa ka hafane keessatti maan godhaneeran laati? Amma wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Si'iif hin kennama!» jedhe.