Esther 9:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennani hayyichi waan kana ch'ufa tolcha jed'e, dubbi suni dira Susa keesati lalabani. Reefa ilmaani Hamani kud'annani nama ch'ufa durati fafannisani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichillee akka wonti kun godhamu ajaje, labsiinillee Suusa'atti hin labsame; reeffa ijoollee Haama'aa kudhanuu hin fannisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre mootichi kun akka godhamu ajaje; lassiin qachaa Suusaa keessatti laffantee, reeffi ilmaan Haamaanii kudhanii muka nama itti fannisanu irratti fannifame.