Esther 9:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yahudiini lafa d'ibi hayyuuni fidu keesa jirtu wolti baate, nyaapa ufiraa d'owarte dabsatte, nama kuma torbatami shani, ka worra jibbe, fitt'e; ammo ha taatuti, miha worraa tokole insaamne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ayihuudonni hafan worri biyya mootichaa keessa jiran jireenna ufiitiin jiraachu'uu fi diintota ufii jalaallee bawu'uuf wolitti qabaman. Worra isaan jibban keessaa namoota kuma torbaatamii shanii ajjeesan. Garuu womaa hin saamne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti dhibiin worri kutaa biyyaa keessa le'anulle, diinota ifii ifi irraa dhooggatiisaaf, diinota ifii jalalle'ee bayiisaaf wolitti qabamane. Worra isaan jibbu keessaa namoota kuma torbaatamii shan ijjeesane; Karra isaanii ammoo hin saanne.