Esther 9:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi Yahudiini dira didiqa keesa teetu guyya kud'ani afreeso, ka jia Adari jed'ani, qaabate jila tolfatte, guyya wo nyaatani sagale woli kennani tolfatti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf Ayihuudonni gandootaa fi qachoota hin dallawamne keessa jiraatan ji'a Adaar jedhamu guyyaa kudha arfeesso'oo guyyaa gammachu'uu, guyyaa nyaataa fi dhugaati'ii, guyyaa kennaa itti wolii kennan godhatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababa kanaaf Yihudooti ollaa baadiyya'aa keessa le'anu, ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso'oo, guyyaa jilaatii fi gammadaa, guyyaa itti kennansa woliif kennanu godhatan.