Esther 9:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyyaani lamaani suni guyya Yahudiini nyaapa ufi dabsatte hobaafte; jii sunini qara jia laalalatiifi ufi jibbaata, ammo eege garagale jia gammadatiifi ka bad'aad'a tahe. Duuba waan jed'aniini, Guyya kana qaabad'a, wolti baha, sagale woli keenna, nyaad'a, gammada, hiyyeesale wo keenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
guyyaa Ayihuudonni diintota ufii jalaa hara baafatan; jiini kun ji'a isaan gaddaa gara gammachu'uu, booyichaa gara guyyaa gammachu'uu itti lufan ta'ee akka eegan, guyyaa affeerra'aatii fi guyyaa gammachu'uu, guyyaa isaan kennaa itti wolii kennanii fi guyyaa hiyyeeyyi'iillee kennaa itti kennan akka godhatan isaan ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyooti kun guyyoota Yihudooti harka diinota ifii jalaa bayanee foora itti dhaggatane; ji'i kunille ji'a gaddi isaanii gammadatti, bootti isaanii kollatti jijjiirante waan te'eef jilifatane; guyyoota kana guyyoota jilaa, guyyoota gammadaa, guyyoota kennaa sagale'ee woliif kennanuu fi guyyoota hiyyeeyyii qarqaaranu akka godhatanu isaaniif barreesse.