Esther 9:27 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yahudiini aada baafte ta ijoolle isiitiifi nami isiiti galuleeni gula deemu, aka yo ayyaani suni mare ganna ch'ufa, guyya lamaani kaani qaabatani, jecha Mordekai gula.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ayihuudonni guyyaa lamaan kanniin akka barreeffamaatii fi akka henna'aatitti wogga wogga'aan akka eegan, guyyoonni kunniin dhaloota isaaniititti, gosa isaaniititti, biyyootaa fi qachoota isaaniititti ka yaadatamanii fi ka kabajjaman akka ta'an, guyyoonni fuuriimii kunniin Ayihuudota biratti akka hin jijjiiramne yaadannoon isaaniillee fiixaa isaanii irraa akka hin cinne ufii fi fiixaa ufii, worra gara isaanii galan maraa irratti akka hin hafne seera godhatanii haa fudhatanii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti ifii fi sanyii ifiitiif, worra Yihudi'itti galane maraafille, akka barreeffama kanaatitti guyyoota lamaan kana wogguma wogga'aan yennaa isaa eeganee akka jilifatanuuf seera baafatane.