Exodus 10:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Awaanisi lafa Misiri ch'ufa d'osse dukaneese; waan bokaya d'akhaani roobe iraa hafefi mid'aani mukhale ch'ufa nyaate. Wonti dotaatuuni ch'ufti ta oobru keesa jirtuufi ta mukha gubbaa jirtuleeni tokoleeni inhamne, lafa suni keesaa badde.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guutumaan guutu'utti lafa dhossan; biyyiti hin dukkanoofte; waan biyyattii keessatti marge ka baradaa irraa hafe maraa mukaa fi daraaraallee hin nyaatan; wonti jiidhaan biyya Misirii maraa keessatti munninii fi margillee hin hafne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haga gurraachottutti awwaannisi sun lafa gollee, waan bokkeya dhaka'aa irraa hafe mara, waan diida keessatti quunxiisatti jiru maraa fi midhaan muka irraa mara nyaate. Lafa Gibxi'ii mara irratti wonni magariis tokkolle hin hanne.