Exodus 10:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba AABBO Waaqi bubbe jabdu toko gara ila aduti d'ufeeni, bubbeeni suni awaanisa ch'ufa fuute galaana Diimati nat'e. Wonti awaanisa fakaatta tokoleeni lafa Misiri keesati inhamne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbillee bubbee dhiya adu'uutii fidee awwaannisa bubbee saniin fuudhee galaana diima'atti gate; awwaannifni tokkollee daangaa biyya Misirii maraa keessatti hin hafne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa qilleensa gara qilleensa jabaa gara aduun seentuutitti jijjiiree, qilleensi sun Awwaannisa san oofee abbaayaa diintu'utti naqe. Biyya Gibxi'ii keessatti awwaannisi tokkolle hin hanne.