Exodus 10:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maneeni teetifi ta hojattu tanteetiifi ammalle ta worra Misiri ch'ufa awaanisi inguuta. Wonti kunini waan abbaafi ababooti teesani haga d'alatte lafa tana d'ufte haga arra taka inargini taati. Duuba akana jennaani kae Farao biraa deeme.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Manniin keellee, manniin garboota teetii maraa fi manniin worra biyya Misirii maraa awwaannifni keessa guuta; wonti kun waan abboonni abboota teessanii urga dhalatan irraa jalqabanii hin arginetu ta'a» jedhanii Fari'ooniin biraa bayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mana keeti keessa, mana qondaaltota teetiitii fi mana worra Gibxootaa mara keessa hin guuta. Abbootiin teetii fi abbootiin abbootii teetii, lafa tanatti haga qubataneen jalqabanee haga adhaa, waan kana ijjumaa dhagganee hin beekanu› jedha» jedhane. Achiin duuba Muuseen mooticha biraa bayee deeme.