Exodus 10:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojattuuni Farao waan jetteeni, Namichi kuni ya guddo waan hamtu nuti malate nu balleese; inni yoomi waan kana lakisa? D'iirti ch'allaani ha yaate AABBO Waaqa worraa suni kad'attu. Atini aka lafti teenna ta Misiri tunini baddu ingartu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garboonni Fari'oonii, «Namni kun haga yoomii gufuu nutti ta'a? namoonni akka Rabbii Waaqa ufii tajaajilan gad isaan dhiisi; akka biyyi Misirii bada'aartu arga'aa hin jirtuu?» Jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qondaaltoti mootichaalle, mootichaan, «Haga yoomii namichi kun tiyyoo nu'utti te'a? Kolbaan tun deentee Mootii Waan Maraa Waaqa ifii akka waaqonfattuuf gad lakkisi; ati worri Gibxi'ii akka badane haga ammaa hin hubannee?» jedhaneen.