Exodus 12:29 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Halkani woli qit'aani jennaani AABBO Waaqi ilmaani d'iira ta angafa ta lafa Misiri keesa jirtu, gurba Farao ka angafa ka sila hayyooma isaa d'aalu iti keeyate, much'a angafa ka abbaani isa mana iti nama hid'ani keesa jiruti d'aabe ch'ufa fit'e; ammalle ilme horiini goroomuma d'ale ch'ufa hobaase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi halkan qixxee ilma mooticha Fari'oonii teessoo irra taa'ee irraa jalqabee hangafa worra mana hidha'aa keessaa, haga ijoollee hangafaa worra booji'amanii, hangafa worra biyya Misirii maraa haga hangafa horiin goromumma'aan dhalee mara fixe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Halkan wodhakkaa Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessatti angafa te'anee ka dhalatane mara, ilma angaficha mooticha barcumaa mootummaa irra tee'uutii jalqabee, haga angafoota worra mana hidha'aa ka boollaa keessa jiruutii fi angafoota hori'ii mara ijjeese.