Exodus 12:36 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba AABBO Waaqi worra Misiri worra Israeliti saalfachiise, worri waan worri fed'u ch'ufa kenneefi. Akanaani worri Israeli worra Misiri saamate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbillee banii Israa'eliitii banii biyya Misirii afo'otti waan isaan barbaadan akka isaanii kennaniif gaachena isaanii ta'e; isaanillee waan isaan qaban maraa saamanii deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraalle worri Gibxi'ii Israa'eloota akka ulfeessanu waan godheef, waan isaan gaafatane mara isaaniif kennane; tanaaf Israa'elooti worra Gibxi'ii irraa qabeenna isaanii guuratanee bayane.