Exodus 12:39 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri qit'a bukho inqamne ka lafa Misiri keesaa fud'ate kaani d'aabate; wonti akanatiifi worra lafa Misiri keesaa, ato worri inkurfefatiinu, gussani, yo qit'a bukhefatanifi yo woreega fud'atanile d'abani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
baniin dukkuussii ufii ka biyya Misiriitii qabatanii bayaniin ka hin bukoofne bixilee xorosho'oo bilcheeffatan; worri biyya Misirii waan isaan jarjarsaniif dhalee qopheeffachuu hin dandeenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan bukoo biyya Gibxi'iitii fudhatanee bayane saniin daabboo uukoo hin qanne bilcheeffatane; yennaa Gibxi keessaa bayanu ariiti'iin waan bayaneef, bukoo isaanii keessa uukoon hin jirtu; ideensa kara'aatiif galaa qopheeffatiisaafille yennaa dhabane.