Exodus 12:48 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami gosa d'ibi ka isani woliini godaanu Pasaka AABBO Waaqaa tolfachu fed'e, d'iirti worra ch'ufti ha qabanqaba qabatu, aka nama lafa Israeliti d'alate tahu, ammo ka qabanqaba inqabatini sagale Pasaka suni inyaatini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
garuu namni galaan isin jidduu jiraatee ayyaana faasikaa Rabbii godhuu yoo barbaade dura dhiirti maruu haa gadoomanii, achiin maayessa haa qaluu, innillee akka mucaa biyya sanii ta'a; ka hin gadoomne ammo achi irraa akka hin nyaanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Alagaan isin woliin le'u, jila Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf jilifattanu tana ka jilifatiisaaf barbaade, ilmaan isaa marti haqanqabaa qabatuu qaban; achiin duuba akka dhalataa biyyaa te'ee jila tanatti hirmaatuu ti. Nami haqanqabaa hin qabatin ammoo sagalee jila sanii hin nyaatin.