Exodus 13:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa AABBO Waaqi lafa gosa kanaani, ta Hiti, ta Amori, ta Hivi ammalle lafa Yebusi ta inni duri ababoota teesanii, Inkenna jed'e kakhate, lafa aananifi dammi aka lolaa yautiini isanii d'ufe, achiti aada tana jia kana jabeesa tolfad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi gara biyya isinii kennu'uuf waadaa galee gara lafa aannanii fi damma baaftuu gara biyya Kana'aanotaa, gara Keexotaa, gara Amoorotaa, gara Ewotaatii fi gara Iyyaabusootaatitti hennaa galtan ji'a kana keessa waaqeffannaa lafa tana irratti waaqeffadhaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa lafa aananii fi dammaa ta inni isinii kenniisaaf, abbootii teessan ta duriitiif waadaa gale lafa kana'aanotaa, lafa Heetotaa, lafa Amoorotaa, lafa Hiiwotaatii fi lafa Yibusootaa sanitti yennaa galtane, ji'a kana keessa jila tana jilifattan.