Exodus 13:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma wonti kunini ha akheekha isanii taate, aka harkaafi adda teesani iraa mullatu, ammalle ha qaabacha jiddu teesani jirtu taatu, aka dubbini AABBO Waaqa garaa keesani keesaa imbaane; wonti akanatiifi AABBO Waaqi harka isaa jabaani lafa Misiri keesaa isani baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi biyya Misirii keessaa irree jaba'aan waan isin baaseef seerri Rabbii afaan keessan keessaa hin dhabamin, harka kee irrattillee akka malkata hidhamee, ija tee afo'otti akka yaadanno'oo sii haa ta'uu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa waan isin baaseef, seerri Mootii Waan Maraa afaan keessanii akka hin buune, akka beessisa harka keessan irraatii fi akka yaadannoo adda keessan irraa isinii hin te'a.