Exodus 14:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Faraoni worrati d'iaate jennaani worri Israeli ufira millate, askarti Misiri ta iti gad'ufu jirtu arge guddo sodaate, AABBO Waaqati bohani
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Fari'oon gara isaanii dhiyaate, baniin Israa'elii ol jedhanii yoo uf duuba midhatan worri biyya Misirii ka isaan hordofanii dhufan argan; hennaa san baniin Israa'elii guddisanii sodaatanii gara Rabbii iyyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichii fi loltooti isaa isaan hordofanee akka itti dhikaatane dhagganee, Israa'elooti guddoo sodaatanee gara Mootii Waan Maraa iyyane.