Exodus 14:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle inni miila gaari worra Misiri lafati mat'anse, duuba gaari worraa chochou d'owe. Worri Misiri waan jed'e, Worra Israeli kana biraa nu baqachiisa. Wonti akanatiifi Waaqati worraa kalche nu had'uu jira!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra konkolaataa fardaa hidhee isaan dhiphise; worri biyya Misirii, «Rabbi worra Israa'eliitii hin lolaa koottaa Israa'eliin jalaa dheessinaa!» woliin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Korboo garreettaa fardaan harkifamu ka isaanii akka dhaabbattu godhe. Worri Gibxi'iille, «Mootiin Waan Maraa isaaniif jedhee, nu worra Gibxi'ii loliisatti waan jiruuf, kowa'a Israa'eloota duraa baqanna» jedhane.