Exodus 14:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Askartiini Misiri, ta ch'ufti gaari fardi hirkisu keesa jirtu, ta kamu ooftu ufii qabdu, gumi Israeli reebde fulla worri bule ta d'aatu galaana Diima, ta Pi-Hahirothi jed'ani, d'aatu Baal-Sefoniti d'aqabde.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri biyya Misirii, faradoon Fari'oonii, konkolaataawwan fardaa ka Fari'oonii, loltoonni fardaan lolan maruu ijoollee Israa'elii ari'an; worri Israa'elii garuu qarqara galaanaa bira afoo Ba'aalzaafooniitii fi Fihaahirootiin biratti ka quphataniiran isaan dhaqqaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Gibxi'ii, abbootiin fardaa ta mootichaatii fi garreettaan fardaan harkifamu ka mootichaa, abbootiin fardaa ta dhibi'ii fi loltooti miilaa isaan hordofanee, fuullee Ba'aal-Zefonii abbaayaa diintuu qarqara, Phiihahiirot bira qubataneeranuun isaan dhaqqabane.