Exodus 15:26 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jed'e, Yo isani AABBO Waaqa keesani d'ageetani waan inni fed'u guutani waan d'uga tolchitani seera isaa jabeesitani, anini d'ukuba worra Misiritiini d'ufe suni tokoleeni isani ingaargalchu. Wonti akanatiifi anini AABBO Waaqa, ka isani fayyisu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati yoo jecha Waaqa keetii jabeessitee eedde, yoo afoo isaatitti waan mishaa goote, yoo isaa ajajamtee seera isaa maraa eedde, dhukkubni worra biyya Misirii irra gawu sirra hin gawu; waan fayyisaan kee ana Rabbiin ta'eef» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni, isaaniin, «Isin qoonqoo ana Mootii Waan Maraa ta Waaqa keessanii miidhassitanee yoo caqattane, fuula kiyya duratti waan sirrii te'e yoo tolchitane, ajaja kiyya yoo qalbeeffattane, seerata kiyya maralle yoo eegattane, dhukkuba worra Gibxi'iititti fide mara tokkolle isinitti hin fidu; ani Mootii Waan Maraa ka isin fayyisu» jedhe.