Exodus 16:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya jaeeso ka torbaani suni worri maro lama waan aka dadu kaani namu sagale guute fud'ate. Jaaroleeni Israeli taani gara Musa d'at'e waan tahe ch'ufa iti himte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa jaheesso'ootitti isaan maruu dachaa lamaa godhanii xoroshoo kooboo lamaa guuratan bulchoonni banii Israa'elii dhaqanii Muuse'etti himan;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa jayeesso'oo nami martinuu litirii lama, dachaa lama guurate; sooressitooti kolba'aa gara Muuse'ee dhufanee waan kana isatti himane;