Exodus 16:29 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana beekhu maltani: waan AABBO Waaqi guyya Sabato isanii kenneefi, guyya jaeeso isani sagale guyya lama guurattani, nami guyya suni mana ufii keesaa bahu himmalle, worruma oola.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
akka Rabbi Sambata isinii kenne laalaa'a; kanaaf guyyaa jaheesso'ootitti nyaata guyyaa lamaa waan isinii kenneef namni maruu uduu manaa hin baane hulema jiru sanitti hara baafata'aa haa ooluu» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa fooraa Sanbata akka isiniif kenne qalbeeffadha'a; tanaaf ani gaafa guyyaa jayeesso'oo waan nyaattanu ta guyyaa lamaa isiniif kenne. Guyyaa torbeesso'oo eennulle addee jiru turuu ti malee, qe'ee ifiitii hin bayin» jedhe.