Exodus 16:33 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Musani waan Harunini jed'e, Eele faara fuud'i, sagale Manna jed'ani t'aasa lama dadu tokoti naqi, fuula AABBO Waaqa dura kayi, aka ilmaani teenna taka tana argitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseen Aarooniin, «Xuwwee tokko fuudhiitii mannaa gomoorii tokko itti buusi; ijoollee ijoollee teessaniitiif akka taa'u Rabbiin afoo kaayi» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Muuseen Aaroniin, «Okkotee fuudhiiti, mannaa litirii tokko itti naqi. Achiin duuba fuula Mootii Waan Maraa duratti, dhaloota dhufuuf massi» jedhe.