Exodus 16:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Musani waan jed'e, Nami fooni galgala isanii kenne qit'a diirama haguma isani feetani isanii kennu AABBO Waaqa. Wonti akanatiifi inni yayu haalano teesani d'agaye. Isani yo haalattani nu inhaalanne, Waaqa haalattani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseen, «Rabbi gungummii isin gungumtan waan dhagayeef galgala foon; ganama ammo xoroshoo akka quuftanitti isinii kenna; nu maali'i? Gungumuun keessan Rabbitti malee nuttii miti» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Muuseen, «Mootiin Waan Maraa gungunsuu isin isa irratti gunguntane waan dhage'eef, galgala foon isin nyaattanu, ganama daabboo isin barbaaddanu mara yennaa isinii kenne, akka inni Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. Nuuti womaa moti; isin isa irratti gunguntane malee, nu irrattii moti» jedhe.