Exodus 18:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba soddaani Musa Yethrooni, hori sorio gubani baasanifi sorio d'ibile Waaqaa baase; Harunifi jaaroleeni Israeli ch'ufti d'ufte sagale sorio ta soddaani Musaa baase suni Waaqa durati nyaatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa soddaan Muuse'ee Yootoor ciincaa ciincawuu fi ciincaa waan biraallee Rabbiif dhiyeesse; jaarsonni Israa'eliitii fi Aaroon soddaa Muuse'ee woliin dhiyana nyaachu'uuf Rabbiin afoo taa'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba abbaan sodda'aa ka Muuse'ee, kennansa gubamuu fi ciincaa dhibii Waaqaaf fide; Aaron jaarsolee Israa'elootaa mara woliin abbaa sodda'aa ka Muuse'ee woliin Waaqa duratti sagalee woyyittii san nyaatiisaaf dhufe.