Exodus 20:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo guyyaani torbeeso guyya Sabato ka AABBO Waaqa kanketiti. Guyya suni huji tokole inhojatiini, si taanaani, ijoolle tante taanaani, tissele tante taanaani, hori kanke taanaani, yokhaani keessuma tantele taanaani; guyya suni ooli.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaan torbeesso'oo garuu guyyaa Sambataa ka Rabbii Waaqa keetiitii; atii fi ijoolleen tee, garboonni tee, horiin kee, wonti qe'ee kee keessatti argamuu fi worri sitti galee si keessa jiraatu maruu guyyaa kanatti hujii kamiinillee hin hojjatin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaan torbeesso'oo ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif guyyaa fooraa ti; guyyaa san ati, ijoolleen teeti ta dhiiraatii fi ta durraa, tajaajiltooti teeti ta dhiiraatii fi ta durraa, horiin keetii fi nami alagaan si bira jiru marti hujii tokkolle hin hujin.