Exodus 20:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi AABBO Waaqi guyya jaa keesati gubba, lafa, galaanafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, guyya torbeeso hafuura baafate. Tanaafi AABBO Waaqi Sabato eebise qulqullo tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi guyyaa jaha keessatti Ardi'ii fi Samii, galaanaa fi waan galaana keessaa maraa uumee guyyaa torbeesso'ootitti hara baafate; kanaaf Rabbi guyyaa Sambataa eebbisee woyyoomse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa jaa keessatti ol-gubbaa, lafa, abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru mara dade; guyyaa torbeesso'oo ammoo foorfadhe; tanaaf ani Mootiin Waan Maraa guyyaa Sanbataa eebbisee woyyoonse.