Exodus 20:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan boch'ani mid'aasani kana tokole dura gajette inkad'atiini; wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi kanke, waan d'ibi na biraani kad'atani inoobsu. Anini ammalle nama jibbuufi d'aloota worraa ka sadeesotiifi ka afreesole gaargala itiini d'ufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanii hin sagadin; hin waaqeffatinille'e; ani Rabbi Waaqa hinaafu waan ta'eef worra na jibban cubbuu abbootaa dhaloota sadeesso'oo haga arfeesso'ootitti haluu baya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaaniif hin sagadin; isaan hin waaqonfatinille'e. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa hinaatticha waan te'eef, worra na jibbu sababa cubbuu abbootii isaaniitiif, ijoollee isaanii haga dhaloota sadiitii fi afuriititti hin adaba.