Exodus 22:27 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
wonti akanatiifi wonti inni nafa qabu woya suni ch'alla; maani uyifate maanini rafa? Yo inni qarqaarsa na kad'ate, anini ind'agayaafi, wonti akanatiifi anini naaso, namaa naha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
uduu aduun hin dhiine deebisiif; wonti inni qorra uf irraa dhoogguunii fi wonti inni irra rafu isuma waan ta'eef uffata saniif yoo natti iyyate ani araaramaa waan ta'eef isaa dhagaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni inni nafa ifiitiin gollatu tana qofa waan teeteef, maan uffatee rafa ree? Yoo inni gara kiyya iyye, ani mararaa waan te'eef, isaaf hin dhage'a.