Exodus 22:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami oobru isaa keesati ibida bobeese yokhaani huura gube, ka ibidi suni duuba d'aqe mid'aani nama d'ibi ka bahu jiru yokhaani ka tuulani gube, nami qaraa fiit'e ibida suni bobeese ha waan ibidi gube ch'ufa baasu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni tokko ibidda midhaanitti qabsiisee ibiddi sun yoo midhaan gube namichi ibidda san qabsiise tilmaama haa kaffaluu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ibiddi tokko ka'ee daggala qabatee, tuulaa midhaanii yookiin midhaan fichaa keessaa yoo nyaate, nami ibidda qassiise sun gatii midhaan sanii guutuu kaffaluu ti.