Exodus 23:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya jaa huji teesani tolfad'a, ammo guyya torbeeso boqod'a, aka loonifi harreeni teesanileeni boqotte, tisse teesanifi keessumaani teesanileeni boqottu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Guyyaa jahaa hujii kee hojjadhu; guyyaa torbeesso'oo garuu Sambata waan ta'eef sangaan kee, harriin kee, garbichi keetii fi ilmi garbicha kee ka sitti galeellee hara haa baafatuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Guyyaa jaa hujii teessan hujadha'a; qotiyyoon teessan, harreen teessan, garbi mana keessan keessatti dhalatee fi alagaan isinii huju akka foorfatanu, guyyaa torbeesso'oo ammoo hujii hin hujina'a.