Exodus 23:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jia Abibu, jia isani lafa Misiri keesaa baatani, jila Qit'a bukho inqamne akuma anini qara isaniini jed'e naa tolcha. Qit'a bukho qabu guyya torba ka jila tana inyaatina. Nami tokoleeni harka duwa na dura ind'ufini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ayyaana xorosho'oo ayyaanteeffadhu; waan ji'a Abiibii biyya Misirii keessaa baataniif akkuma si ajaje ji'a kana keessa guyyaa torbaa waan raacitii hin qabne nyaatta; harka duwwaallee na afoo hin dhufinaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Jila daabboo uukoo hin uukoonnee jilifadha'a; akkuma ani isin ajaje guyyaa torbeesso'oo daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a; ji'a biyya Gibxi'ii keessaa baatane waan te'eef, jila tana ji'a ‹Abibiib› jedhamu keessa guyyaa murteeffametti jilifadha'a. «Nami tokkolle harka duwwaa na dura hin dhikaatin.