Exodus 25:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti kuni lachu ha koola ballifte qadaada suni gaadiseesite fuula wolti deefatte qadaada ilaaltuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kiruuboonnillee koola ufii ol badhifatanii qadaada araaraa kolba ufiitiin dhossan; fuulaan wol laalan; fuulli kiruubotaa gara qadaada araaraa laala.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dadi ol-gubba'aa ta koola qabanu sun koola ifii ol badhifatanee qadaaddaa san irra gonbobanuu ti; fuula wolitti galanee, qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo san ilaalanuu ti.