Exodus 26:29 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nafa utuba suni ch'ufa mullachu d'owi, worqiini duuchi, ammalle qube worqi iti naqi, aka mukha dadagalchani kaani keesa naqani; ammalle mukha sunile ch'ufa nafa isaa mullachu d'owi, worqiini duuchi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Loosaa worqi'iin uwwis; qubeewwan akka loosaawwan keessa dabarsu'uuf ta'utti worqii irraa hojjadhu; loosaa sanniinillee worqi'iin uwwis;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mikikkiloota san worqii itti gonfi; danqarooti sun akka keessa seenanu qubeelee worqi'ii huji; danqaroota sanille worqii itti gonfi.