Exodus 26:32 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba utuba d'adacha afuri ka nafa isaa ch'ufa mullachu d'owani worqiini duuchani hooko iti naqani, ammalle waan afuri ka qarsiini mid'aasani ira d'ad'aabaniti fannisi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
waan kanniin utubaawwan arfan muka ajo'oo irraa hojjatame ka worqi'iin uwwifame irratti fannis; wonti itti fannifamullee worqii irraa, lutti isaallee birrii irraa haa ta'uu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hookkoo worqii irraa hujame ka utuboota muka gololchaa ka worqiin itti gonfanteertu irra jiranu irratti fannisiitii, shafee meetii irraa hujame irra dhaabi.