Exodus 27:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan mesa fakaata ka sorio irati Waaqaa baasani mukha d'adachatiini mid'aasi. Gami isaa afraanu ch'ufti ha wolqit'e tahu, ka d'eerinnafi ballinnileeni d'und'uma shani; old'eerinnileeni d'und'uma sadi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Hulee ciinca'aa ka dheerinni isaa ciqilee shanii, dalgillee ciqilee shanii muka ajo'oo irraa hojjadhu; inni ka roga afurii qabu haa ta'uu; hojjaan isaa ciqilee sadihii haa ta'uu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Addee ciinca'aa muka gololchaatiin ijaari. Dheerinni isi'ii ciqilee shan, badhinni isi'iille ciqilee shan, hojjaan isi'ii ciqilee sad te'uu ti. Cinaan isi'ii martinuu wol qixxee te'uu qaban.